Kaansarii Kalee (RCC)

🧠 Kaansarii Kalee (RCC)

  • Kansarii hamaa seelota ujummoo kalee (renal tubular epithelium) irraa maddun dha.
  • Gosa kaansarii kalee ga’eessota keessatti mul’atu keessaa 90–95% qabata.
  • Umrii: Baay’inaan waggaa 60–70 gidduutti mul’ata.
  • Saala: Dhiira irratti dubartoota caalaa baay’ata (2:1).
  • Ilaalcha: Sababa qorannoo fakkii (imaging) babal’ateen, osoo hin yaadamin argamuun isaa dabalaa jira.
  • Sigaaraa aarsuu: Sababa hunda caalaa jijjiiramuu danda’u dha.
  • Furdaan garmalee (Obesity)
  • Dhibee dhiibbaa dhiigaa (Hypertension)
  • Dhibee kalee sugaa (CKD): Keessattuu warra dhiqiinsa kalee (dialysis) godhatan.
  • Genetic syndromes: Von Hippel-Lindau (VHL), Hereditary papillary RCC.
  1. Clear Cell RCC (70–80%): Madda: Proximal tubule. Bifa keelloo qaba.
  2. Papillary RCC (10–15%): Iddoo garaa garaatti fi kalee lamaan irratti mul’ata.
  3. Chromophobe RCC (5%): Madda: Intercalated cells. Carraa fayyuu gaarii qaba.
Classic Triad:
  • Dhiigni fincaan keessatti argamuu (Hematuria)
  • Dhukkubbii cinaachaa (Flank pain)
  • Itaa harkaan namatti dhaga’amu (Palpable mass)
Diagnosis:
  • CT Scan (Contrast-enhanced) = Gold Standard
  • MRI: Yoo hiddni dhiigaa (IVC) qabame.
  • Localized: Partial nephrectomy (filatamaa) ykn Radical nephrectomy.
  • Advanced: Targeted therapy (VEGF inhibitors) fi Immunotherapy.
  • Hubachiisa Kaansariin kun Chemotherapy fi Radiotherapy dhaan hin fayyu.
Profile Pic
Dr Zuber

Dr. Zuber Beyan (MD, General Surgeon) Dr. Zuber Beyan is a dedicated General Surgeon serving rural communities in West Hararghe,.

Good Comment